Wednesday, May 27, 2015

WBOn Loltoota TPLF 30 Ol Ta’an Hojiin Ala Godhe.

asxaa_oromo

Caamsaa 11, 2015. Gootichi WBO tarkaanfilee diina irratti fudhatu jabeessee itti fufuun, godinoota Harargee fi Baalee keessatti loltoota Wayyaanee irratti tarkaanfii fudhateen loltoota Tigree 30 Ol ta’an hojiin ala godhe.
Abdii fi gaachanni ummata Oromoo, WBOn, godina Bahaa keessa sossohu, akkasumas godina Baale keessattis waraana Wayyaanee maqaa sakattaa jedhuun bakkoota gara garaatti bobba’uun ummata goolaa fi saamaa ture irratti tarkaanfilee adabbii adda-addaa fudhateen 12 ajjeesee, 28 ol madoo taasisuu oduun tarkaanfii waraanaa ajajoota WBO godinoota kanneenii waabeffachuun SBO dhaqqabe addeessee jira. Haaluma kanaan, Caamsaa 02, 2015 WBOn godina Baalee ona Beeltoo bakka araddaa Gaara-Jaarsaa jedhamutti waraana wayyaanee kan WBO sakatta’uuf bobba’ee fi ummata nagaa goolaa ture irratti tarkaanfii haleellaa fudhateen 5 ajjeesee 7 ol madeessuu oduun tarkaanfii waraanaa SBO dhaqqabe hubachiisee jira. Tarkaanfii kanaan qabeenyi adda-addaa diina irraa kan fudhatame ta’uunis ibsameera.

No comments:

Post a Comment