Breaking News:- AMBO Waraanni Agaazii Barattoota Oromoo 53 Irratti Miidhaa Guddaa Geessisuun Isaa Daran FDG Jabeesse
Gabaasa Qeerroo Amboo Hagayya 25,2014 Goototni
barattootni Oromoo Yuuniversiitii Amboo karaa nagaa mirgaa fi kan
dimokraasiikaasuun gaaffii mirga abbaa biyyummaa sababa gaafataniif
jecha mootummaan faashistii Wayyaanee(Itiyoophiyaa) Waraanaa
Agazii Wayyaaneetiin ukkanfamani barattoota 230 mana hidhaa Wayyaanee
galma mootummaa magaalaa Amboo keessatti argamutti hidhaman.
Sabboontootni barattootni Oromoo fedhii isaanii malee waraanaa
Wayyaaneetiin dirqamanii akka walga’ii afaan faajjii mootummaa Wayyaanee
ta’aan kan ta’ee kana irraatti barattootni Oromoo uummatni keenya
Oromoon utuu jumlaan hidhamuu, qee’eef qabeenyaa irraa buqqifamuu ,
Ajjeefamuu, gara dabarfamuu, barnoota irraa Arii’amuu waraanaan
doorsifamnee walga’ii Wayyaanee taa’uun hirmii nyaachuudha jechuun FDG
guyyaa hanga guyyaa har’atti utuu wal irraa hin kutiin mormii guddaan
sirna mootummaa Wayyaanee jala dhaabbachaa jiru.
Sabboontoti barattooti Oromoo 230 hidhaman keessaa waraana Wayyaaneen
gara malee reebamuu fi miidhaan guddaa irra gahee hidhaa keessatti
dararamaa jira keessaa gadiiti:-
