Waxabajjii 21, 2014
Hasxaa WBOHumni Addaa WBO Miseensota Koree Basaasota Wayyaanee Baha Shawaa Keessatti Iccitiidhaan Ijaaramuun Barattoota Oromoo Milishuu (Abdii) Mallasaa fi Bilisummaa Lammii dabalatee ilmaan Oromoo ajjeesisuu, hiisisuu fi yakki adda addaa akka irratti raawwatamu ajaja dabarsaa turan irratti tarkaanfii boonsaa fudhateen 3 ajjeese.
Waxabajjii 19, 2014 Humni Addaa WBO miseensota Koree basaasota wayyaanee namoota 15 of jalaa qabu iccitiidhaan ijaaramuun Baha Shawaa (Adaamaa, Bushooftuu, Mojoo, Hoolancitii) fi manneen barnootaa godinicha keessa jiran keessatti barattoota Oromoo fi sabboontota Oromoo basaasuun akka ajjeefaman, hidhamanii fi dararaman hoggana kennaa turan galgala keessaa sa’aa 8:25 irratti tarkaanfii magaalaa Hoolancitii keessatti basaasota korichaa kan damee Adaamaa walgahii dhoksaa geggeeffataa turan irratti fudhateen 3 battalumatti ajjeesuun gumaa barattoota Oromoo Milishuu Mallasaa fi Bilisummaa Lammii Caamsaa 16, 2014 magaalaa Adaamaa keessatti koree kanaan ajjeefamanii baasuu isaa oduun SBO dhaqqabe mirkaneesseera.