Hawaasi Oromoo
Afrikaa Kibbaa Wagahii Dhaabi G7 Maqaa Ethiopian Qopheesse Irratti
Kaayyoon Oromummaa Maal Akka Tahe Ibsuun Mooraa Qabsoo Oromoo Tiksan
Walgahiin G7 maqaa “Ethiopian community of South Africa” tiin
qophaawe kan ” MARII GUDDAA HAALA ITOOPHIYAAN AMMA KEEYSA JIRTU FI
DHIMMA ABBAYYA ” Jedhu Adoolessaa 21 2013 sa,aa 3:00pm-10:00pm kan deeme
yammuu tahu Namoonni walgahicha irratti argaman,
1.Professor MINGA NEGASH ,
2.Professor MAMO MUCHE yammuu tahan
3.Dr.Dima Nogo German Frankfort irraa Skypen
4.Profssor BIRANU ABAGAZ Amerikaa irraa Skypen
5. Ato Kidane Alamayo Amerikaa irraa Skypen
Dabareen waa’ee ITOOPHIYAAN takka lama hin taatu, jedhuufii gaaromina
abbootii isaanii warra akka Minilik fii kkf faarfataa Itoopiyaan biyya
seenaa GUDDAA qabduufii falaasafa cimaa fii gadi fagoo irratti jaaramte
tan yaada dhiphaa sabaafii sablammii jedhuun diigamtuu akka hin tahin
bookkisaa turan.
Obbo Diimaan gama isaaniin gadfageenyaa dhimmoota Oromoo fii haala yeroo
ammaa ummanni keenya keeysa jiru tuquu baatullee hamma tahe Seenaa
Oromoo dabre fii Oromoon mirgadhablee taheem jiraatuu hubachiise. kuniis
maaltu abdii fii hamilee warraaqsaan akka dhimma keenya dubbatu isa
dhoorke gaafii jettu hirmaattoota Oromoo walgahicha akka walgaafatan
godhullee waan Habashoonni haasawaa oolaniin hedduu waan waldhabuuf
sabboontoti Oromoo achitti argaman qaanfachiifna jedhanii itti
qophaawanii taa’anilleen yaada isaanii liqimsanii gara Habashootaatti
deeffatan.
Oromoon Afrikaa Kibbaa jiran dhimma cimaa Oromummaa fii Oromiyaa
akkasuma seenaa sabichaa irratti badaalee dur keeysa deebi’ee waraanu
kana tokkummaan dura dhaabbatanii seenaa Oromoo kan dhugaa fii mamii hin
qabne yaadachiisuun seenaa dharaa kan Habshoonni dhugaa dabsanii dhara
dhugaa fakkeeysuun tokkummaa sobaa addunyaa fii sabaafii sablammii
Itoophiyaatiin dhamaasaa turanii fii jiran dhaabanii dhugaan yoo kan
hegeree biyyattii fii nagaya waaraa barbaadan taate mirga Ummatootaa
abbootiin isaanii sarbaa turan akka ol’aantummaatti ittiin boonuu
dhiisuun dhiifama gaafatanii Kara fuuladuraatti akkamitti walqixummaan
Saba,Sablammii fii namtokkee itti eegama?
Sirna impaayerummaa diignee akkamitti sirna dimokraasii dhugaa irratti
hundaawe akkamitti Ummatoota kaleeysa miidhaa turre kana waliin
jaarrannee nagaan jiraanna?
Araaraa fii sirna nagaa fidu tokko akkamitti jaarra yoo hin jedhin
ammallee dogoggora kaleeysaa irraa baratuu dhabuu keeysan nutti
agarsiisaa jira waan taheef,
Seenaa Oromoo fii waan Oromoo baasu oromumaatu beeka waan taheef
murnoonni yartuun Oromoo bakka buunaa ja’anii abdii hin jirre isinii
kennaa jiran yoo jiraatan akka Saba Oromoo bakka bu’uudhaan dhimmoota
Oromoo dubbatuu hin dandeenye afaan tokkoon waltajichaaf akeekame.
Dhumarratti waltajiin kan Oromoo tahuun Professoroonni isaan afeerratan
kan qaamaan achitti argaman morma isaanii gadqabanii dhimma hagana cimaa
kana waltajjii takka fii sadarkaa kana irratti fayyaa fii furmaata
argamsiisuun akka hin dan’amne amanuun marii dhawaataa akka barbaachisu
eeranii mataa raasuu akka sa’a mataa keeysa dhawamee ija isaanii
shukkuumataa baha.
Waltajicha keeysaa kan Nama gammachiisu,
1, Namoonni Oromoo achirratti argaman hundinuu dhimma kanarratti yaadaan tokko qabu.
2,Karaa amantiillee Oromoon dachaa miidhamuu isaa warreen Oromoo tahanii amantii bakka bu’anilleen kana ibsatuudha.
3,Warri qaama jijjiramaa jechuun Habashoota jalatti ijaaraman tkko
tokkos walgahicha irratti afeeramanilleen osoo hin hafin furguggee
kanaan dhawamnaan nuti bakka yaadaa fii qaamni Oromoo jiru jira
jechisiifaman.
4,Oromoo community of South Africa ” Waldaa Oromoo Afikaa Kibbaa waan
kana dura bu’iinsaan gochaa farrummaa Oromoo kan Habashootaan
geggeeyfamaa jiru kana itti dammaquun tokkummaa kaayoo Oromummaaf
dhaabbatan.
Gabaamumatti Walgahiichi Kan G7n tahuu irra kan Oromooti yoo jenne bareedaa ture.
Hawaasa Oromoo Afirkaa Kibbaa
I.U.Of!!
Read More:-
sa.docx
sa2.docx