Waxabajjii 03, 2014 Finfinnee
Ajjeechaan ilmaan Oromoo keessumaa barattoota Oromoo irratti
xiyyeeffatamuun tarkaanfiin fudhatamaa jiru itti fufee jira.
Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti gaaffii abbaa biyyummaa
gaafachuudhaan Mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti darbamuu irraan
darbuudhaan barattootni Oromoo mana hidhaa keessatti ajjeefamaa jiru.
Barataa Nuuraddiin (Alsan) Hasan Barataa Computer science waggaa 2ffaa
kan tahee fi dhalootaan Godina Shawaa lixaa magaala Baakkoo kan tahe
mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti darbamuun dararaa jabaan erga irraan
gahaa turee Gaafa 02/06/2014 mana hidhaa keessatti lubbuun isaa darbee
jira. Mootummaan Wayyaanee dararaa ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru daran
jabeessaa dhufus ilmaan Oromoo gamtaan falmatti seenuun mootummaa abbaa
irree bara baraan ilmaan Oromoo keessatti ammo dargaggoota Oromoo
ajjeesaa, hidhaa fi biyya irraa ariiaa jiru dura akka dhaabbatu
Barattootni Yuunivarsiitii Haramaayaa fi Qeerroon Oromoo waamicha
Oromummaa dabarsa.