Tuesday, September 3, 2013

HAWAASTI OROMOO GOOTICHA OROMOO, INJ TASFAHUUN CAMADAA FI ILMAAN OROMOO WAYYAANEEN AJJEEFAMAN YAADATAN

dsc04891(Madda Oduu ABO/MOA/ Melbourne, Fulbaana 2, 2013) Konyaan ABO Victoria gooticha Oromoo mana hidhaa Wayyaanee keessatti ajjeefame, Injinar Tasfaahuun Camadaa, ilaalchisuun sagantaa yaadannoo mata duree “Oromiyaaf Haa Dubbannu” jedhu jalatti qopheesse; hawaasa Oromoo magaalaa Melbourne  waliin marii gaggeeffate.
Sagantaa yaadannoo fi marii hawaasaa Fulbaana 1, 2013 waaree booda Galma Scientology magaalaa Melbourne keessatti gaggeeffame irratti gooticha Oromoo mana hidhaa wayyaanee keessatti ajjeefame, Inj.Tasfahuun Camadaa dabalatee, ilmaan Oromoo haala, yeroo fi bakkoota adda addaatti wareegaman yaadachiisuun ture.
Yaadannoo gaggeeffametti aansuun Ob. Bantii Oliiqaa Dura Taa’aan konyaa ABO kan VIC hirmaattota marichaa waamicha yeroo gabaabaa kana keessatti taasifame kabajanii miidhaan ummata keessanii isin quuqee asitti argamuu keessaniif hedduu galatoomaa erga jedhanii booda akeekni marichaa ibsaniiru.
dsc04940Ob Bantiin akka ibsanitti akeekne sagantichaa ajjeefamuu goota Oromoo Injinar Tasfaahuun Camadaa, akkasumas Ummata Oromoo dhiyeenya kana Kofalee, Aniyyaa, Boorana, Karrayyuu, Walloo, Wallaga bahaa fi dhiyaatti, walumaagalatti guutuu Oromiyaa keessatti gahaa jiru balaaleffachuu dha.
“Kanuma waliin miidhaa, dararaa fi roorroo ummata keenya biyya keessaa fi kanneen  baqatanii biyyoota ollaatti bahan irra gahaa jiru attamiin akka falmachuu qabnu, nuti warri biyya nagaa fi bilisa keessa jirru maal gochuu dandeenya? Attamii fi yoom??  kan jedhu irratti marii gaggeeffannee sagnataa hojii fuula duraa waliin akeekkachuuf,” jedhaniiru.
dsc04934Miidhaa fi roorroo ummata Oromoo irra gahaa jiru ilaalchisuun kanneen raga bahan keessaa mana hidhaa Wayyaanee keessa Injinar Tasfaahun Camadaa waliin turtee dhiyeenya kana kan baate, Addee Lalisoo Wadaajoo akka ibsitetti roorro fi dararaa Ummata Oromoo irra gahaa jiru hedduu ulfaataa fi hamaa dha. “Miidhaa gahaa jiru jechootan ittiin ibsu hin qabu, hedduu hamaa fi sukkaneessaa dha,” kan jette Ad Laliseen, “haata’uutii hidhamtooti Oromoo hundi isaanii jajjaboo, abjuu boru wareegama ilmaan Oromoon ni bilisoomna jedhu abjootu malee hidhamtoota laafanii haamlee wal laaffisan argee hin beeku,” jechuun jabina hidhaa fi dararaa keessatti illee qaban addeessitee jirti.
dsc04945“Addatti ammoo Tasfaahuun Camaadaa nama hunda keenya jajjabeessu, haamlee keenya haaromsu,“ Jabaadhaa! Kanas Irraa aanna, ni moonaa!” jedhee carraa nu arge hundatti nu jajjabeessuu, haamlee keenya eeguuf jedhee  miidhaa fi dararaa isarra gahaa ture takkaa nama hin dubbanne, garuu ammoo amma mana murtii waliin nu geessaa turanitti dararaa irraa gahaa tureen miidhamni guddaan qaama isaa irraa akka mul’achaa ture, qobaatti baasanii kutaa dukkanaatti waan galchaniif galmee himannaa keenyaa Tasfaahun Camadaa waamamu illee nu waliin mana murtii akka hin dhaqne waan godhaniif haaromsa qalbiin keenya isa irraa argataa turre otoo dheebonnuu ani hiikamee ijoollee fi maatii koo dheebodhetti yommuun dabalamu gootichi Oromoo Iinjinar Tasfaahuun du’uu isaa yommuun dhagahu gadda guddaatu natti dhagahame jechuun raga baatee jirti.
“Gumaa gootota keenyaa kan baafnu, abdii fi hawwii wareegamtootaa fi hidhamtoota keenyaa kudhaammannee harka wal qabannee tokko ta’uun sirna wayyaanee cabsinee bilisummaa keenya yoo dhugoomse qofa,” kan jette Ad Laliseen, “sabni keenya maal gochuu akka qabuu fi danda’u waliin maryatee umurii sirna garboomsaa waan gabaabsu irratti bobba’uu qaba,” jechuun dhaamtee jirti.
dsc04939Biyya Sudaan baqattummaan otuu jiraatuu ukkaamsamee mootummaa Wayyaaneetti dabarfamee kannamuun mana hidhaa maa’ikalaawwi keessatti dararamaa kan ture Ob. Fayisal Mahaammad gama isaatiin raga bahummaa kenne keessatti  hidhaa fi hiraarsaan ulfaataan biyya keessaa fi biyya ollaa keessatti gahaa akka jiru mirkaneesse.
“Biyyuma Sudaan keessatti ji’a afuriif erga nu hidhanii booda harka, miilla fi ija keenya nu hidhanii karaa Matammaa Mootummaa Itoophiyaatti nu darbatame ; sana boodan Tasfaahun Camadaa fa’aa Maa’ikalaawiitti arge,” kan jedhe Ob Fayisal, “dararaan mana hidhaatti ilmaan Oromoo irra gahu yaadachuunuu mata isaatiinuu waan nama dhukkubsuuf jechaan ibsuun natti ulfaata,,” jedhee jira.
dsc04942“Haa ta’u malee hidhamtoonni Oromoo akkuma Obboleettiin koo Laliseen jettee takkaa hamlee kutatanii hin beekan,” kan jedhe Ob Fayisal, yeroo mana hidhaa san keessaa bilisaan isa gadhiisan dhaamsa Tasfaahuun isatti hime deebisee ummataaf ibsee jira.
“Warri har’a shororkeessitoota jedhanii hidhanii nu dararaa jiran kaleessa “Wanbadee” jedhamanii waamamaa akka turan haa yaadannu, Barri ni dabartii, Haqaa fi mirga keenya falmachuu irratti haa Jabaannu!” akka jedhe kan hime Ob Fayisal, gumaa gootowwan keenyaa baasuuf dhaamsa nuuf dhaamanii darban qalbeeffannee Wayyaanee qawween malee aangoo gadhiisuuf hin jirreef garaa laafuu dhiifnee tokkummaan dhaaba qabnu ABO fi WBO  haa jabeeffannu jechuun dhaamaniiru.
dsc05052Qindeessaa Gurmuu Tumsa Oromoo kan Australia Ob. Maaramaa Quufii:  marii kana irratti dhiittaa mirga dhala namaa Ummata Oromoo irra gahaa turee fi jiru addunyaan akka beekee ummata Oromoof gurra kennu hojiilee jajjabduu hojjachaa akka jiru ibsan.
Ibsootaa fi odeeffannooleen OSGAn mootummoota Addunyaa fi “NGO” mootummaa Itophiyaa irratti dhiibbaa gochuu danda’an maraaf dabarsaa turee jiru hedduu ta’an illee har’a hunda kan caalu ragaa ijaa Addee Lalisee fi ob. Fayisal nuuf ibsan arganneerra. Miidhaa fi dararaa, roorroo fi Cunqursaa Ummata Oromoo irra gahaa turee fi jiru ibsuuf ragaan kana caala barbaadamu hin jiru.
Cunqursaa, gabrumma, dararaa fi rorroo ummata Oromoo irra gahaa jiru, hunduu miidhaadha. Akka sabaatti yoo ilaallu kan hunda caala nu dhukkubsu alagaan qee keenya irratti nutty roorrisuudha. Roorro kana hambisuuf Sabummaa keenya haa jabeeffannu, Oromummaa keenya ijaaruu irratti haa jabaannu! jechuun dhaamaniiru.
dsc04979ABO bakka bu’uun marii kana irratti argamuun miidhaa fi dararaa, ajjeechaa fi roorroo Ummata Oromoo irra gahaa jiru kana qolachuuf hojiilee jajjaboo ABO hojjataa turee fi jiru kan ibsan MGS ABO fi gaafatamaan BBOA Ob. Gaashuu Lammeessaa turan.
Ibsa isaanii kana keessatti diddaa Ummatni Oromoo Habashoota irratti bara Minilikii kaasee agarsiisaa ture; Diddaa gaggeeffamaa turee fi jiru kana keessatti wareegamni gootowwanii fi hayyoota Oromoo hedduu akka ta’e yaadachiisan. Ficiloota Ummanno Oromoo bifa fi haala adda addaatiin gaggeessaa ture qindeessee Jaarmayaa Siyaasaa ititaatti kan jijjiire ABO, guyyaa hundeeffame irraa kaasee qabsoo hidhannoo, siyaasaa fi kan dipilomaasii qindeessee wareegama gurgurdaan injifannoolee cuccululuqoof duubatti deebi’uu hin dandeenye galmeesseera.
dsc04962Qabsoon keenya jabaataa deemuu irraa diinni keenya Wayyaaneen yaaddoo guddaa waan qabduuf Ummata Oromoo Abdii kutachiisuuf miidhaan geessisaa jirtuus hedduu jabaachaa akka jirus ABO raga qabu irraa sirriitti hubata.
Akkuma fakkeenyaatti Wagguma tokkicha kana keessatti ABOtti hidhata qabdu sababa jedhu itti moggaafamee barattoonni Oromoo hidhaman kan galmeen dhaabaa beeku 497, Barsiiftonni 362, Qonnaan Bultoonni, hojjsttoonni, kanneen jiruu dhuunfaan jiraatan 1,757 akka ta’an ibsuun, lakkoofsi kun kan caasaan dhaabaa quba qabaatee gabaasee fi dhaabni ibsa itti baase qofa akka ta’e, baadiyyaalee Oromiyaa keessatti ajjeechaa, reebichaa fi hidhaa Ummata oromoo irra gahu ammoo lakkoofne akka bira gahuu hin dandeenye, kanneen hojii irraa har’aman, baruumsa irraa ari’amanis baayyina isaanii irraa as irratti akka hi ibsamne addeessan.
dsc05079Kanuma waliin jedhan Ob. Gaashuun hordoftoonni Amantii Musiliimaa guyyaa guyyaan FF keessatti mirgi amantii isaanii akka kabajamuuf hiriira bahanii gaafachaa jiru, hoggantoota isaanii malee kan hidhame hin jiru, Habashoonni guutuu biyyaatti hiriira Mormii gaggeessaa jiru, kan isaan hidhu hin jiru.
Isilaamoonni Oromoo Asaasaa irratti, Kofalee irratti Wallo irratti, Anfilloo irratti hiriira bahu jedhamee waan yaadame qofaaf maaliif rasaasaan simataman? Yakki Ummata Oromoo Aniyyaa irra gahe, kan Karrayyuu irra gahe, kan Boorana irra gahe lakkofnee kan keessaa baanu hin ta’u.
dsc04967ABO miidhaa fi dararaa kana hunda hambisuun kan danda’amu hojii fi qabsoodhaan jedhee qabsoo hidhannoo, siyaasaa fi kan dipilomaasii qindeessuun yeroo kamuu caala jabaatee hojjataa jira. Miidhaa Ummata keenya irra gahaa jiru raga guutuu waliin ibsoota adda akka dhaabaatti bahutti qabsiisee addunyaa fi Ummata Oromoo beeksisaa jira. Kun qofti gahaa miti. Mirtiin isaa Ummata Oromoo harka jira. Gabrummaa baadhee bara baraan hidhii xuuxuu ykn Sirna Wayyaanee hundeen buqqisuuf hojii ABO hojjataa jiru tumsee himneessuun galii QBO dhiyeessuu keessaa qooda fudhachuu fi dhiisuu kan jedhu murteeffachuun, kan Ummata Oromooti. Ummatni Oromoo of gaafachuu qaba jedhaniiru.
dsc05015Marii kana irratti walaloon Qaallitti dubbadhu jedhu miidhaa fi dararaa akkasumas ajjeechaa mana hidhaa Qaallittii keessatti gaggeeffamaa turee fi jiru qalbeeffachiisu dargaggoo Aluulaa Moosisaan dhiyaate qalbii hawaasaa kan harkise ture.
Hirmaattota irraas yaadonni bilchaataa fi ijaaraan dhiyaatan ABO dhugumatti qabsootti akka jiru nu caala diinni raga bahaa jira. Qabsicha keessaa ala of baafnee ususuu dhiifnee ABO jabeessuu qabna. Hojiileen akka hawaasaatti hojjannu amma Jaarmayaa siyaasaa jabaa hin qabaannetti bilisummaan hawwinuun nu hin gahu.
Kanaaf dhaaba qabnu ABO, Waraana guddaa qabnu WBO jabeessuuf haa murteeffannu;
dsc05009Hidhannoon keenya guddaan tokkummaa keenya. Hidhannoo keenya kana jabeeffachuun qaawwa diinni ittiin nu seenu hunda cufachuu qabna. Ijaaramuu, Oromummaan wal jaalachuu, wal guddisuu, wal jala deemuu, wal amantaa keenya haa gabbifannu,
Sagalee Ummata keenyaa haa dhageessifnu, sagalee Ummataa fi qabsoo keenyaa ol kaasuuf hawaasa Oromoo addunyaa guutuu keessa faffacaanee jiraannu qindoomina akka qabaannuuf akka irratti hojjatamu;
dsc05041“Media” jabaa kan Oromoo fi Oromummaa irratti hojjatu haa horannu, hogeeyyonni hojii kana qindeessuu irratti, hawaasni Oromoo bal’aan ammoo waan danda’u gumaachuuf akka of qopheessinu
Kana booda laafina keenya irratti dhiifnee jabina keenya irratti akka xiyyeeffannu! Fi kkf dhimmoota jajjaboo QBO humneessan dhiyeessuun qaamota dhimmi ilaalutti akeekuun haamlee fi fuula xiiqii gumaa gootowwan keenyaa baasuuf gahee koo nan bahadha jedhu agarsiisuun milkiin goolabameera.

Egypt’s chaos fuels Africa’s human trafficking


HUMAN RIGHTS: Egypt’s chaos fuels Africa’s human trafficking

0,,17014545_303,00Sept 3, 2013 (Deutsche Welle) – Egypt’s political unrest has brought suffering not only to its own people but also to hundreds of African refugees. Their goal is Israel but many end up as hostages on the Sinai Peninsula.
Kahassay Woldesselasie simply wanted to get away from Eritrea. He planned to begin a new life in a country where citizens are not as brutally suppressed as in his East African homeland. Eritrea, located in the Horn of Africa, is one of the world’s most secretive and repressive regimes.
Woldesselasie initially fled to neighboring Sudan. While there he heard rumors of good jobs being offered in Israel. A human trafficking syndicate offered to take him there. Woldesselasie agreed and fell into their trap. The traffickers abducted him and took him as a hostage to the Egyptian Sinai Peninsula.
On the journey they blindfolded him, there was little food and water. The gangsters threatened to kill him if he did not pay ransom. “You have no choice but to call your relatives,” Woldesselasie told DW in an interview. “If they agree to pay, you might be lucky. But if they don’t, you’re dead.”
The lucky and the unlucky
Woldesselasie was one of the lucky ones. Family members living abroad agreed to pay for his release.
0,,17032167_404,00Israel refers to asylum seekers from Africa as ‘infiltrators’
He was set free and finally managed to cross the border into Israel.
Not many are as lucky as Woldesselasie, says Hamdy al-Azazy, an Egyptian human rights activist who lives in al-Arish, the capital of the North Sinai region. He has met Eritrean refugees who had been held captive for weeks in torture camps.
While their families are listening over the phone, the victims would be subjected to burnings or have their limbs broken. Such painful experiences would then push even the poorest of families to send money. Those who don’t comply risk having their relatives being buried in the desert. According to al-Azazy, more than 500 remains of dead bodies of Africans were discovered in the desert in the past years.
The Sinai equation
The Sinai Peninsula has long been a powder keg. The indigenous population consists of Bedouin Arab tribes who settled there several hundred years ago. Today, they only represent about half of the approximately 500,000 inhabitants.
Israel withdrew from the area back in 1982 and left it to the Egyptian state. Egypt then took the best land from the Bedouins, says Günter Meyer, director of the Center for Research on the Arab World at the University of Mainz. “This goes back to a long period of discrimination against the Bedouin population.” According to Meyer, the Bedouins were seen by Egyptians as Israeli collaborators, drug smugglers and illiterate.”
Meyer however emphasizes that only a small minority of the Bedouin is involved in the criminal gangs that deal in human trafficking.
0,,17014544_401,00According to Human Rights Watch over 1,500 Eritreans flee the country every month
Following the Arab Spring which began in 2011, security forces have been weakened in the Sinai Peninsula giving the traffickers more leeway. The situation has “escalated dramatically,” Meyer warns.
There are no known figures for the number of refugees detained in torture camps in the Sinai or how many of those hostages have perished. According to the Israeli government, more than 10,000 illegal immigrants crossed the Sinai border into Israel in 2012. Most of them came from Eritrea and Sudan. But in Israel, a nation once founded by immigrants, the refugees are not welcome. They have little chance of obtaining political asylum. Instead Israel has built a more than 200-kilometer – long (124 miles) fence against them. In the first five months of 2013, only 33 refugees managed to cross the border.
Little international support
The world, including the United Nations Refugee Agency (UNHCR), has turned a deaf ear to the plight of these refugees, says human rights activist Hamdy al-Azazy. “They write their reports from their air-conditioned offices in Cairo,” he laments.
“Nobody is on site to assess the real situation. I’m the only one here in the midst of all these dangers.” There have been several attacks on him, he adds.
0,,16821371_404,00African asylum seekers meet with harsh reality in Israel
His office was ransacked, his children have been attacked.
Al-Azazy also raises serious allegations against the Egyptian security forces. According to him victims who manage to escape from the hands of the traffickers are detained as criminals because they are in the country illegally. But the perpetrators of human trafficking enjoy a life of luxury in large villas. He believes the traffickers are supported by Egypt’s security agencies.
“Traffickers pay a lot of bribes so that they can freely bring refugees to the Sinai.”
Kahassay Woldesselasie does not feel at home in Israel. He hopes that one day peace and freedom will reign in his East African nation so he can return.
 –

DW.DE

Hawaasi Oromoo Magaalaa Otta Norway Sirna Mootummaa EPRDF Mormuun Hiriira Nagaa Bahan

Hawaasi Oromoo Magaalaa Otta Norway Sirna Mootummaa EPRDF Mormuun Hiriira Nagaa Bahan

Gadaa.com
(Madda Oduu ABO/MOA/Fulbaana 1,2013) Hawaasi Oromoo magaalaa Otta Norway jiran mormii motummaan Wayyaanee sababa adda addaan ummata Oromoo irratti duulee jiru fi sababoota adda adaan Oromoota kumaatamaan lakkaawaman manneen hidhaa ifaa fi dhokataa ta’an keessatti guuree gidirsaa jiraachuun, kaan ammoo lafa isaa irraa buqiftee deegsaa jiraachuu, garii ammoo maqaa amantiin ajjeessaa jirtu balaaleffachuun Hagayya 23, 2013 hiriira mormiin sirna Wayyaanee gahan.

Kana malees biyya Norway dabalatee mootummootiin dhihaa gargaarsaa fi tinnisa sirna diktaatera ta’e Wayyaaneef gargaaraa jiran irraa akka dhaabbatanii fi dhibdee biyyichaa sirnaan akka qoratanii hiikkaa hunde qabeessaaf karaa akka banan gaafachuun ijoo hiriirichaa keessaa isa tokko ture.
Ummanni hiriira ta’e kana irratti argaman Oromoon amantiin gargar bahee hin beeku, ammas gargar hin bahu jedhanii oromon amantii adda addaa qaban uguu rakinni amantii tokko irra gahu kan amanti biraa qabu walii tumsuu akka qaban akka fakkeenyaatti hogganoota ABO jalqabaa nuyi amantiin gargar hin baanu jehaniiboola tokko keessati owwaalaman sana faaji dhiga isaanii qabannee qabsaa’uu qabna kan jedhu Oromootti mullisuuf jecha hiriira mormii gaggeessan.
PIC_0137
PIC_0138
PIC_0139
PIC_0140
PIC_0141
PIC_0142
PIC_0143
PIC_0144
PIC_0146