HAWAASTI OROMOO GOOTICHA OROMOO, INJ TASFAHUUN CAMADAA FI ILMAAN OROMOO WAYYAANEEN AJJEEFAMAN YAADATAN
(Madda Oduu ABO/MOA/ Melbourne, Fulbaana 2, 2013) Konyaan
ABO Victoria gooticha Oromoo mana hidhaa Wayyaanee keessatti ajjeefame,
Injinar Tasfaahuun Camadaa, ilaalchisuun sagantaa yaadannoo mata duree
“Oromiyaaf Haa Dubbannu” jedhu jalatti qopheesse; hawaasa Oromoo
magaalaa Melbourne waliin marii gaggeeffate.
Sagantaa yaadannoo fi marii
hawaasaa Fulbaana 1, 2013 waaree booda Galma Scientology magaalaa
Melbourne keessatti gaggeeffame irratti gooticha Oromoo mana hidhaa
wayyaanee keessatti ajjeefame, Inj.Tasfahuun Camadaa dabalatee, ilmaan
Oromoo haala, yeroo fi bakkoota adda addaatti wareegaman yaadachiisuun
ture.
Yaadannoo gaggeeffametti
aansuun Ob. Bantii Oliiqaa Dura Taa’aan konyaa ABO kan VIC hirmaattota
marichaa waamicha yeroo gabaabaa kana keessatti taasifame kabajanii
miidhaan ummata keessanii isin quuqee asitti argamuu keessaniif hedduu
galatoomaa erga jedhanii booda akeekni marichaa ibsaniiru.
Ob
Bantiin akka ibsanitti akeekne sagantichaa ajjeefamuu goota Oromoo
Injinar Tasfaahuun Camadaa, akkasumas Ummata Oromoo dhiyeenya kana
Kofalee, Aniyyaa, Boorana, Karrayyuu, Walloo, Wallaga bahaa fi
dhiyaatti, walumaagalatti guutuu Oromiyaa keessatti gahaa jiru
balaaleffachuu dha.
“Kanuma waliin miidhaa, dararaa
fi roorroo ummata keenya biyya keessaa fi kanneen baqatanii biyyoota
ollaatti bahan irra gahaa jiru attamiin akka falmachuu qabnu, nuti warri
biyya nagaa fi bilisa keessa jirru maal gochuu dandeenya? Attamii fi
yoom?? kan jedhu irratti marii gaggeeffannee sagnataa hojii fuula duraa
waliin akeekkachuuf,” jedhaniiru.
Miidhaa
fi roorroo ummata Oromoo irra gahaa jiru ilaalchisuun kanneen raga
bahan keessaa mana hidhaa Wayyaanee keessa Injinar Tasfaahun Camadaa
waliin turtee dhiyeenya kana kan baate, Addee Lalisoo Wadaajoo akka
ibsitetti roorro fi dararaa Ummata Oromoo irra gahaa jiru hedduu
ulfaataa fi hamaa dha. “Miidhaa gahaa jiru jechootan ittiin ibsu hin
qabu, hedduu hamaa fi sukkaneessaa dha,” kan jette Ad Laliseen,
“haata’uutii hidhamtooti Oromoo hundi isaanii jajjaboo, abjuu boru
wareegama ilmaan Oromoon ni bilisoomna jedhu abjootu malee hidhamtoota
laafanii haamlee wal laaffisan argee hin beeku,” jechuun jabina hidhaa
fi dararaa keessatti illee qaban addeessitee jirti.
“Addatti
ammoo Tasfaahuun Camaadaa nama hunda keenya jajjabeessu, haamlee keenya
haaromsu,“ Jabaadhaa! Kanas Irraa aanna, ni moonaa!” jedhee carraa nu
arge hundatti nu jajjabeessuu, haamlee keenya eeguuf jedhee miidhaa fi
dararaa isarra gahaa ture takkaa nama hin dubbanne, garuu ammoo amma
mana murtii waliin nu geessaa turanitti dararaa irraa gahaa tureen
miidhamni guddaan qaama isaa irraa akka mul’achaa ture, qobaatti
baasanii kutaa dukkanaatti waan galchaniif galmee himannaa keenyaa
Tasfaahun Camadaa waamamu illee nu waliin mana murtii akka hin dhaqne
waan godhaniif haaromsa qalbiin keenya isa irraa argataa turre otoo
dheebonnuu ani hiikamee ijoollee fi maatii koo dheebodhetti yommuun
dabalamu gootichi Oromoo Iinjinar Tasfaahuun du’uu isaa yommuun dhagahu
gadda guddaatu natti dhagahame jechuun raga baatee jirti.
“Gumaa gootota keenyaa kan
baafnu, abdii fi hawwii wareegamtootaa fi hidhamtoota keenyaa
kudhaammannee harka wal qabannee tokko ta’uun sirna wayyaanee cabsinee
bilisummaa keenya yoo dhugoomse qofa,” kan jette Ad Laliseen, “sabni
keenya maal gochuu akka qabuu fi danda’u waliin maryatee umurii sirna
garboomsaa waan gabaabsu irratti bobba’uu qaba,” jechuun dhaamtee jirti.
Biyya
Sudaan baqattummaan otuu jiraatuu ukkaamsamee mootummaa Wayyaaneetti
dabarfamee kannamuun mana hidhaa maa’ikalaawwi keessatti dararamaa kan
ture Ob. Fayisal Mahaammad gama isaatiin raga bahummaa kenne keessatti
hidhaa fi hiraarsaan ulfaataan biyya keessaa fi biyya ollaa keessatti
gahaa akka jiru mirkaneesse.
“Biyyuma Sudaan keessatti ji’a
afuriif erga nu hidhanii booda harka, miilla fi ija keenya nu hidhanii
karaa Matammaa Mootummaa Itoophiyaatti nu darbatame ; sana boodan
Tasfaahun Camadaa fa’aa Maa’ikalaawiitti arge,” kan jedhe Ob Fayisal,
“dararaan mana hidhaatti ilmaan Oromoo irra gahu yaadachuunuu mata
isaatiinuu waan nama dhukkubsuuf jechaan ibsuun natti ulfaata,,” jedhee
jira.
“Haa
ta’u malee hidhamtoonni Oromoo akkuma Obboleettiin koo Laliseen jettee
takkaa hamlee kutatanii hin beekan,” kan jedhe Ob Fayisal, yeroo mana
hidhaa san keessaa bilisaan isa gadhiisan dhaamsa Tasfaahuun isatti hime
deebisee ummataaf ibsee jira.
“Warri
har’a shororkeessitoota jedhanii hidhanii nu dararaa jiran kaleessa
“Wanbadee” jedhamanii waamamaa akka turan haa yaadannu, Barri ni
dabartii, Haqaa fi mirga keenya falmachuu irratti haa Jabaannu!” akka
jedhe kan hime Ob Fayisal, gumaa gootowwan keenyaa baasuuf dhaamsa nuuf
dhaamanii darban qalbeeffannee Wayyaanee qawween malee aangoo
gadhiisuuf hin jirreef garaa laafuu dhiifnee tokkummaan dhaaba qabnu ABO
fi WBO haa jabeeffannu jechuun dhaamaniiru.
Qindeessaa
Gurmuu Tumsa Oromoo kan Australia Ob. Maaramaa Quufii: marii kana
irratti dhiittaa mirga dhala namaa Ummata Oromoo irra gahaa turee fi
jiru addunyaan akka beekee ummata Oromoof gurra kennu hojiilee jajjabduu
hojjachaa akka jiru ibsan.
Ibsootaa fi odeeffannooleen
OSGAn mootummoota Addunyaa fi “NGO” mootummaa Itophiyaa irratti dhiibbaa
gochuu danda’an maraaf dabarsaa turee jiru hedduu ta’an illee har’a
hunda kan caalu ragaa ijaa Addee Lalisee fi ob. Fayisal nuuf ibsan
arganneerra. Miidhaa fi dararaa, roorroo fi Cunqursaa Ummata Oromoo irra
gahaa turee fi jiru ibsuuf ragaan kana caala barbaadamu hin jiru.
Cunqursaa, gabrumma, dararaa fi
rorroo ummata Oromoo irra gahaa jiru, hunduu miidhaadha. Akka sabaatti
yoo ilaallu kan hunda caala nu dhukkubsu alagaan qee keenya irratti
nutty roorrisuudha. Roorro kana hambisuuf Sabummaa keenya haa
jabeeffannu, Oromummaa keenya ijaaruu irratti haa jabaannu! jechuun
dhaamaniiru.
ABO
bakka bu’uun marii kana irratti argamuun miidhaa fi dararaa, ajjeechaa
fi roorroo Ummata Oromoo irra gahaa jiru kana qolachuuf hojiilee
jajjaboo ABO hojjataa turee fi jiru kan ibsan MGS ABO fi gaafatamaan
BBOA Ob. Gaashuu Lammeessaa turan.
Ibsa isaanii kana keessatti
diddaa Ummatni Oromoo Habashoota irratti bara Minilikii kaasee
agarsiisaa ture; Diddaa gaggeeffamaa turee fi jiru kana keessatti
wareegamni gootowwanii fi hayyoota Oromoo hedduu akka ta’e yaadachiisan.
Ficiloota Ummanno Oromoo bifa fi haala adda addaatiin gaggeessaa ture
qindeessee Jaarmayaa Siyaasaa ititaatti kan jijjiire ABO, guyyaa
hundeeffame irraa kaasee qabsoo hidhannoo, siyaasaa fi kan dipilomaasii
qindeessee wareegama gurgurdaan injifannoolee cuccululuqoof duubatti
deebi’uu hin dandeenye galmeesseera.
Qabsoon
keenya jabaataa deemuu irraa diinni keenya Wayyaaneen yaaddoo guddaa
waan qabduuf Ummata Oromoo Abdii kutachiisuuf miidhaan geessisaa jirtuus
hedduu jabaachaa akka jirus ABO raga qabu irraa sirriitti hubata.
Akkuma fakkeenyaatti Wagguma
tokkicha kana keessatti ABOtti hidhata qabdu sababa jedhu itti
moggaafamee barattoonni Oromoo hidhaman kan galmeen dhaabaa beeku 497,
Barsiiftonni 362, Qonnaan Bultoonni, hojjsttoonni, kanneen jiruu
dhuunfaan jiraatan 1,757 akka ta’an ibsuun, lakkoofsi kun kan caasaan
dhaabaa quba qabaatee gabaasee fi dhaabni ibsa itti baase qofa akka
ta’e, baadiyyaalee Oromiyaa keessatti ajjeechaa, reebichaa fi hidhaa
Ummata oromoo irra gahu ammoo lakkoofne akka bira gahuu hin dandeenye,
kanneen hojii irraa har’aman, baruumsa irraa ari’amanis baayyina isaanii
irraa as irratti akka hi ibsamne addeessan.
Kanuma
waliin jedhan Ob. Gaashuun hordoftoonni Amantii Musiliimaa guyyaa
guyyaan FF keessatti mirgi amantii isaanii akka kabajamuuf hiriira
bahanii gaafachaa jiru, hoggantoota isaanii malee kan hidhame hin jiru,
Habashoonni guutuu biyyaatti hiriira Mormii gaggeessaa jiru, kan isaan
hidhu hin jiru.
Isilaamoonni Oromoo Asaasaa
irratti, Kofalee irratti Wallo irratti, Anfilloo irratti hiriira bahu
jedhamee waan yaadame qofaaf maaliif rasaasaan simataman? Yakki Ummata
Oromoo Aniyyaa irra gahe, kan Karrayyuu irra gahe, kan Boorana irra gahe
lakkofnee kan keessaa baanu hin ta’u.
ABO
miidhaa fi dararaa kana hunda hambisuun kan danda’amu hojii fi
qabsoodhaan jedhee qabsoo hidhannoo, siyaasaa fi kan dipilomaasii
qindeessuun yeroo kamuu caala jabaatee hojjataa jira. Miidhaa Ummata
keenya irra gahaa jiru raga guutuu waliin ibsoota adda akka dhaabaatti
bahutti qabsiisee addunyaa fi Ummata Oromoo beeksisaa jira. Kun qofti
gahaa miti. Mirtiin isaa Ummata Oromoo harka jira. Gabrummaa baadhee
bara baraan hidhii xuuxuu ykn Sirna Wayyaanee hundeen buqqisuuf hojii
ABO hojjataa jiru tumsee himneessuun galii QBO dhiyeessuu keessaa qooda
fudhachuu fi dhiisuu kan jedhu murteeffachuun, kan Ummata Oromooti.
Ummatni Oromoo of gaafachuu qaba jedhaniiru.
Marii
kana irratti walaloon Qaallitti dubbadhu jedhu miidhaa fi dararaa
akkasumas ajjeechaa mana hidhaa Qaallittii keessatti gaggeeffamaa turee
fi jiru qalbeeffachiisu dargaggoo Aluulaa Moosisaan dhiyaate qalbii
hawaasaa kan harkise ture.
Hirmaattota irraas yaadonni
bilchaataa fi ijaaraan dhiyaatan ABO dhugumatti qabsootti akka jiru nu
caala diinni raga bahaa jira. Qabsicha keessaa ala of baafnee ususuu
dhiifnee ABO jabeessuu qabna. Hojiileen akka hawaasaatti hojjannu amma
Jaarmayaa siyaasaa jabaa hin qabaannetti bilisummaan hawwinuun nu hin
gahu.
Kanaaf dhaaba qabnu ABO, Waraana guddaa qabnu WBO jabeessuuf haa murteeffannu;
Hidhannoon
keenya guddaan tokkummaa keenya. Hidhannoo keenya kana jabeeffachuun
qaawwa diinni ittiin nu seenu hunda cufachuu qabna. Ijaaramuu,
Oromummaan wal jaalachuu, wal guddisuu, wal jala deemuu, wal amantaa
keenya haa gabbifannu,
Sagalee Ummata keenyaa haa
dhageessifnu, sagalee Ummataa fi qabsoo keenyaa ol kaasuuf hawaasa
Oromoo addunyaa guutuu keessa faffacaanee jiraannu qindoomina akka
qabaannuuf akka irratti hojjatamu;
“Media”
jabaa kan Oromoo fi Oromummaa irratti hojjatu haa horannu, hogeeyyonni
hojii kana qindeessuu irratti, hawaasni Oromoo bal’aan ammoo waan
danda’u gumaachuuf akka of qopheessinu
Kana booda laafina keenya
irratti dhiifnee jabina keenya irratti akka xiyyeeffannu! Fi kkf
dhimmoota jajjaboo QBO humneessan dhiyeessuun qaamota dhimmi ilaalutti
akeekuun haamlee fi fuula xiiqii gumaa gootowwan keenyaa baasuuf gahee
koo nan bahadha jedhu agarsiisuun milkiin goolabameera.












