Filannoo biyyoolessaa bara 2007 ilaalchisee dhaabbileen mirga namoomaa hedduun erga duula nafiladhaatii kaasee haalli jiru haqa qabeessaa fi bilisa akka hin taane mirkaneessaniiru. Wayyaaneen duula nufiladhaarratti tumaatii, dhaanicha, ajjeechaa fi hidhaa raawwachuun ni beekama. Dhaabbileen mormitootaa wal-falmii filannoorratti injifannoo guddaa galmeessisuudhaan deeggarsa ummata bal’aa argachuunis ni beekama. Rifaatuu kanarraa kan ka’een, mootummaan gabroomsaa kun filannoodhaaf guyyaan lama yoo hafu muummichi ministeeraa yeroo isaa malee paarlaamaa biyyattii walga’ii waamuuudhaan mormitootarratti doorsisaa fi dhaadannoo dhageessisanii turan. Kunis mootummaan bu’aa filannoo humnaan saamuuf qophii jabaa godhaa turuu isaa ni mirkaneessa.
No comments:
Post a Comment