Sirni Awwaalchaa J/ Obsee Kabajaa Olaanaan Raawwate
October 27, 2013 · Finfinne Tribune | Gadaa.com |
Sirni Awwaalchaa Jaal Obsee Margoo
(
Oromedia, 26 Onkoloolessa 2013)
Sirni awwaalchaa, Jaal Obsee Margoo, bakka maatii, firoottanii ishii
akksumas miseensootii fi deeggartooti qabsoo bilisummaa Oromoo
heddumminaan argamanitt biyya Norwey magaala Berganitti Onkoloolessa 11,
2013 akka aadaa fi sirna amantii ishiitti raawwate.
Waa’elli keenya Dassuu Duulaa akka nuuf ibsetti, sirna awwaalachaa
kana irratti Oromooti Hoolandi, Jarman, Ingilizii fi bakkoota aaddaddaa
jiraatan Onkoloolessa 24, 2013 Norwey Bergan seenuun akka aadaa
biyyaatti reeffatti nagaa dhaammatan.
Akkanaan sirna awwaalchaa Jaal Obsee Onkoloolessa 25, 2013 bakka
Oromooti kumaa ol ta’an otuu ilaalchaa fi amantiin adda walii hin
qoodiin sirna kana irratti argamuun jaalalaa fi kabajaa Hayyu Duree ABO
fi maatii isaaniif qaban agarsiisanii jiru.
Oduun nu gahe akka ibsutti, sirna awwalchaa kana irratti Jaal Daawud
Ibsaa fi Oromooti argaman marti gadda dhugaa ibsachuun cinattis, jabinaa
fi murannoo Jaal Obseen qabaachaa turte dabaree dabareedhaan ibsaniiru.
Sirna awwaalchaa kana irratti seenaa Jaal Obsee ibsame irraa akka
hubatametti, Jaal Obsee Taadassaa Margoo abbaa ishee obbo Taddasaa
Margoo fi harmee ishee addee Enkuayehush Hundee irraa Sadaasa 29
bara1976-tti Oromiyaa Lixaa, magaala Mandii Ganda 01 keessatti
dhalaatte.
Jaal Obseen obbolaan dhiiraa lama; Danel Taddasaa fi Tottobaa
Taddasaa; Obbolaa durbaa Shan; Asgedech Taddasaa, Masarat Taddasaa,
Mariyam Taddasaa, Abayinesh Taddasaa fi Tenanyee Taddasaa akka qabdus
beekamee jira.
Jaal Obseen barnoota ishee sadarkaa duraa fi olaanaa (lammaffaa) magaala Mandii mana Barumsaa Mana-sibuu keessatti baratte.
Sirni Awwaalchaa Jaal Obsee Margoo
Qabxiin barumsa sadarkaa olaanaa kan Yuniversitii ishee galchu
galmeessuun, barnoota ishee Yuniversity Finfinnee galtee barachuu
eegalte. Barnoota waggaa tokko duuba jeequmsa Yuniversitii Finfinnee
keessatti ka’een barnoota ishee itti fuftee xumuruu akka hin dandeenye
kan ibsame yoo ta’u, iyya keessatti miidhaa fi dhiibbaa irra gaheen
gara biyya Keenyaa, Nairobiitti baqattee turtii yeroo muraasaa booda,
Bitootessa bara 2000 keessa gara waajirri qabsoo bilisumma Oromoo
argamutti, Asmara seenuun barnootaa fi leenjii miseensumaaf barbachisuu
fudhatee sirnaan miseensummaa dhaabaa guuttate, miseensa ABO taate.
Ergaa biyyaa Eritrea seente waggaa lamaa booda, Muddee 5, bara 2002
Hayyu Duree Gumii Sabaa ABO Jaal Dawud Ibsaa waliin sirnaan gaa’ila
isaanii kan rawwatan yoo ta’u, biyya Eritrea turtii waggaa 12 ol
keessatti gaddaa fi gammachuu Oromoo fi qabsoon Oromoo qabu irrattii
hirmaachuun fi haawaasaa fi qabsoo Oromoo tajaajiluun hojii boonsaa
dalagaa akka turtes mirkanaa’eera.
Xumuraa bara 2012 irratti obboloota ishee bara dheeraaf adda baate
waliin wal arguuf Asmera/Eritrea irraa waraqaa yeroof argatteen gara
Awropaatti ka sochoote Jaal Obseen, haala waraqaa yeroo fi eenyummaa
ishee waliin wal qabateen karaa irratti didhaan ishee mudatus dhuma
irratti obboloota ishee garii waliin qaamaan wal arguu itti akka
milkoofte illee himame jira.
Rakkoo Waraqaan sochii irraa qabdu furachuun fi gara abbaa warraa
ishee duubbee qabsoo jirutti deebi’uuf hawwuu fi karoorfachun iyyannoo
hirkattummaa siyaasaa gaafattee naannoo oboleessi ishee qubatee jiru,
naannoo Bergen, wayita qubattee jirtutti, dhukkuba tasaa Onkoloolessa 8
bara 2013 qabeen wal’aansa hatattamaa mana wal’aansaa naannoo Bergenitti
yaalamaa erga turtee booda, Onkoloolessa 11 bara 2013 addunyaa kana
irraa boqotte.
Namooti sirna awwalachaa kana irratti argaman akka ragaa bahanitti,
jalaalli Oromoo fi Oromummaa ishii kan daangaa hin qabne Jaal Obseen,
nama uumaan garaa lafinaan guutamte fi nama hunda gargaaruuf fedha
qabdu, haadha namummaa ti.
HD GS ABO Jaal Dawuds Ibsaas gaafa 15/10/2013 namoota isaan
jajjabeessaniif xalaya galataa barreessan keessatti rifaatuu balaa tasaa
mudateen tuqamanis, hirmaannaa fi birmannaa seexessaa golee Oromiyaa fi
addunyaa mara irraa isaanifi darbeen akka jajjabaatan dhaamanii jiru.