Wednesday, May 27, 2015

Obbo Beqqellee Garbaa Beddellee Keessatti Humnoota Federaalaatiin Reebuu Isaanii Dubbatu

 

Cover-300x165WASHINGTON DC (VOA Afaan Oromoo) — Itti-aanaa Dura-taa’aan Kongiresa Federaalawaa Oromoo obbo Baqqalaa Garbaa fi waahiloonni isaanii, eega torban tokkoo ti as Oromiyaa gama Dhihaa keessatti duula filannooo geggeessaa turan, kaleessa Bedele keessatti humnoota waraana Federaalaatiin qabamanii, reebichi fi hidhaan isaan mudachuu dubbatanii jiran. Akka Beqqelee Garbaa jedhanitti, kaleessa magaalaa Naqamtee irraa ka’anii, Beddellee keessa karawwan irra uummata dadammaqsataa dabruuf ennaa yaalaniiti, walga’iin guddaan Muummichi-ministaraa biyyattii faa irratti argaman waan achitti geggeessamaa tureef, humnoota Federaalaa karaa cufanii eegaa turaniin, hanga walga’iin sun xumuramutti akka eegan itti himame. Ennaa walga’ichi xumuramee, uummatni achi irraa dacha’uu jalqabu, “amma duula na filadhaa keessan geggeeffachuu dandeessu” – jedhanii, eyyamaniif – Poolisoonni Federaalaa sun.

No comments:

Post a Comment