Humni Addaa WBO Godina Dhihaa Baha Wallaggaa keessatti waraana wayyaanee haleeluun loltoota 17 ol du’aa fi madoo taasise
(Madda Oduu ABO/MOA/ Waxabajjii 17, 2014)
Gootichi Humna Addaa WBO Godina Dhiha Oromiyaa Waxabajjii 06, 2014 Baha
Wallaggaa Ona Haroo Limmuu daangaa bulchiinsa Benishaangulii fi
Oromiyaan waldaangessu bakka Luugoo Booqaa jedhamutti tarkaanfii haxxee
waraana Wayyaanee konkolaataan socho’aa ture irratti fudhateen 7
ajjeesee, kanneen 10 ol ta’an ammoo madeessuu Ajaji WBO Godina Dhiha
Oromiyaa beeksiseera.
