Gootonni Oromoo Salaaleetti Seenaa Agarii Tulluu Haaromsan, Gootummaanis Wareegaman.
Suurri argaa jirtan kun GOOTOTA ilmaan Oromoo roorroon hammaannan
Wayyaanee fuuldura gootummaa dhaan falmaa dhaabbatanii utuu lolanii
kanneen harka diinaatti gaafa kufan wayyaaneen gochaa suukaneessaa
akkanaatiin uummata yaamtee raawwii akkasii jiilchaf ilmaan Oromoo
kanneen irratti raawwatte. Oromoo diina isaa ajjeessaa, falmaa du’uun
ykn wareegamuun kabajaa guddaa dha. Bakki gochaan fashitii Wayyaanee kun
itti raawwatame godina SALAALEE, aanaa Darraatti baatii dabre gaafa
09/12/2014 ture.
Sababiin gootonno Oromoo kunneen itti bosona seenaniifis roorroo warri
ergamtuu wayyaanee OPDO, dabballoota aanaa saniitirraa irra gahaa ture
waan dadhaabaniif jiraachuus waan dadhhabaniif tahuutu gabaafama. Maqaan
gooticha kanaa KATAMAA WUBETUU kan jedhamu erga dhiirummaasaa fi
gootummaasaa loltoota wayyaanee 4 fi foolisoota hedduu galaafatee booda
harka diinaatti kufuudhaan gaafa guyyaa 09\12\2014, aanaa Darraa,
magaalaa Gondo Masqaal irratti wayyaaneen gochaa gara jabummaatiin
uummata keenya jiilchuu fi sodaachisuuf hiriyaa isaa walin fannifte.

No comments:
Post a Comment