Wednesday, January 28, 2015

Afrikaa Kibbaa Keessatti Guyyaan WBO Sirna Howwaan Kabajame

Afrikaa Kibbaa Keessatti Guyyaan WBO Sirna Howwaan Kabajame

Amajjii 13, 2015
Amajji_112015Bakka bu,oonni jaarmayaa ABO Kutaa Afrikaa Kibbaa konyaalee garaagaraa kan akka Konyaa Cape town,Konyaa Mpumalanga,Konyaa Gauteng fi Konyaa Zulu Nata irraa irratti argamuun dhaamsa fi yaada isaanii kan QBO gabbisuu fi jabeeysu dabarfatan.
Sagantaan Teenya akkuma Aadaa teenyaa Eebba manguddootaatiin eegallee Yaadannoo Qabsaawoota QBO irratti wareegamanii fi Faaruu Alaabaa,
Ibsa Dhaabaa fii seenaa Guyyaa WBO fi Amajjii,Maalif akka kabajuun barbaachisee fi yoom akka eegale,
Draamaa Haala yeroo ammaa mootummaa Abbaa irree wayyaaneetiin Ummata oromoo irratti geggeeyfamaa jiru agarsiisu,
Agarsiisa WBO fi QEERROO bakkuma jirrutti akka Draamaattii Qopheessine agarsiisuu fi Gumaacha Addaa gaafachuun tinnisa WBOf argamsiisuu fi Caalbaasiin wal booharsuutu ture.

No comments:

Post a Comment