Sunday, May 31, 2015

Gootichi WBO Zoonii Kibbaa Mooraa Waraana Wayyaanee Magaalaa Moyyalee Haleeluun 17 Ol Hojiin Ala Gochuun Injifannoo Galmeesse

SBOLogoAnimation

(Sagalee Bilisummaa Oromoo – Caamsaa 30,2015)
Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Zoonii Kibba Oromiyaa keessa sossohu haleellaa humna diinaa irratti fudhatu jabeessee itti fufuun Caamsaa 30,2015tti bari’u magaalaa Moyyalee ganda 02 keessatti kan argamu mooraa Gumrukaa bakka waraanni wayyaanee maadheffatee jiru haleeluun  yo xiqqaate loltoota diinaa 17 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Zoonii Kibbaa beeksiseera.
Tarkaanfii kanaan loltootni wayyaanee 7 oggaa ajjeefaman, 10 ol ammoo madoo taasifamuu Ajaji WBO Zoonii Kibbaa ifa godheera.
Meeshaaleen adda addaas diina irraa fudhatamuun dantaa QBOf akka oolfaman hubachuun danda’ameera.

No comments:

Post a Comment