Labsa Tokkoomuu ABO fi KY – ABO
Amajjii 9, 2015
Yeroo ammaa haalli hamaan ummanni keenya biyya isaa Oromiyaa keessatti mudachaa jiru himamee kan hin dhumne tahuus haala sukaneessa akka tahe beekamaa dha. Ummanni Oromoo biyya isaa keessatti mirga abbaa biyyummaa dhaabee, lafaa fi qabeenyi isaa akka malee saamamee, badii takkan maletti hidhamaa fi ajjeefamaa jira. Ajjeechaan jumulaa ummata Oromoo irratti mootummaa TPLF (EPDRF)n tooftaa dhoksaan raawatamaa jira. Barattoonni Oromoo waan gaaffii mirgaa gaafataniif, mana barnoota sadarkaa adda addaatti fi universitooata keeysatti rasaasan ajeefamaa fi hidhamanii gochaan garajabinaa ilma namaarratti hin raawwatamne irratti hojjatamaa jira.
Kanneen hidhaa diinaa jalaa miliqan barnootarraa arihamuu fi biyyoota ollaa keessatti alloolamuurraa bilisa tahuu hin dendeenye. Miidhaa fi darara ar’aan tana ummata keenya akka ummataatti irratti raawwachaa jiraniin alatti Oromiyaa qircachuu/ciranii hiratuudhaan balleessuuf saganteefatani jiru. Kana malees, Oromummaa sammuu Oromoo keessaa haquudhaaf tattaaffii godhamaa jirtu ofirraa faccisuudhaa fi mirgaa fi eenyummaa Oromoof caalaatti wabii tahuudhaaf maloottan jiran keessaa malli inni tokko Oromoon akka sabaatti; jaarmoonni siyaasaa Oromoo fi Oromummaa akka dhaabaa fi gurmuutti wal tahuudhaan diina innikkaa dura dhaabbatuun tarkaanfii murteessaa fudhachuun barbaachisaa dha.
No comments:
Post a Comment