umaan Barattoota Oromoo Milishuu Mallasaa fi Bilisummaa Lammii Tarkaanfii Boonsaa Humni Addaa WBO Baha Shawaa Keessatti Fudhateen Baafame
Waxabajjii 21, 2014
Humni
Addaa WBO Miseensota Koree Basaasota Wayyaanee Baha Shawaa Keessatti
Iccitiidhaan Ijaaramuun Barattoota Oromoo Milishuu (Abdii) Mallasaa fi
Bilisummaa Lammii dabalatee ilmaan Oromoo ajjeesisuu, hiisisuu fi yakki
adda addaa akka irratti raawwatamu ajaja dabarsaa turan irratti
tarkaanfii boonsaa fudhateen 3 ajjeese.
Waxabajjii 19, 2014 Humni Addaa WBO miseensota Koree basaasota wayyaanee
namoota 15 of jalaa qabu iccitiidhaan ijaaramuun Baha Shawaa (Adaamaa,
Bushooftuu, Mojoo, Hoolancitii) fi manneen barnootaa godinicha keessa
jiran keessatti barattoota Oromoo fi sabboontota Oromoo basaasuun akka
ajjeefaman, hidhamanii fi dararaman hoggana kennaa turan galgala keessaa
sa’aa 8:25 irratti tarkaanfii magaalaa Hoolancitii keessatti basaasota
korichaa kan damee Adaamaa walgahii dhoksaa geggeeffataa turan irratti
fudhateen 3 battalumatti ajjeesuun gumaa barattoota Oromoo Milishuu
Mallasaa fi Bilisummaa Lammii Caamsaa 16, 2014 magaalaa Adaamaa
keessatti koree kanaan ajjeefamanii baasuu isaa oduun SBO dhaqqabe
mirkaneesseera.
No comments:
Post a Comment