Sabboonaan Oromoo Barsiisaa Dirribii Nagaasaa Mootummaan Wayyaanee Waggaa Sadiif Manneen Hidhaa Ma’ikalawwii fi Qaallittii Keessatti Hidhee Dararaa Cimaa Irraan Gahaa Ture Irraa Dandamachuu Dadhabuun Har’a Wareegame
Gabaasa Oduu Gaddaa Mudde 9,2014 Sabboonaan Oromoo Barsiisaa
Dirribii Nagaasaa daraaraa(torture) guddaa mootummaan EPRDF/TPLF/n
irratti rawwataniin waggaa Sadii (3)oliif Mana hidhaa Wayyaanee
Ma’ikalawwii fi Qaallittitti hidhamee dararama kan ture, darara ulfaataa
irratti rawwatamaa tureen hakan Edaa hospital Geedootti lubbuun isaa
Wareegame.
Sabboonaan Oromoo Barsiisaa Dirriibii Nagaasaa barsiisaa M/B Geedoo Sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inatti muummee barnoota Information
Technology barsiisaa kan ture, Sochii warraqsaa dargaggootni Oromoo
mirga abbaa biyyummaa Uummata Oromoo kabachisuuf gaggeessan keessatti
ga’ee guddaa taphachaa kan turee fi sabboonaa Oromoo mirgii namummaa fi
dimookiraasii uummata Oromoof kabajamuu qaba jechuun soda tokko malee
gaaffii mirga abbaa biyyummaa finiinsa turedha.

No comments:
Post a Comment