Monday, November 10, 2014

 Gootota Baratoota Oromoon, Jalabultiin Yaadatnoo FDG Sadaasi 9 Mooraa Yuuniversitii Jimmaa Keessatti Bifa Howwaa Taheen Kabajamaa Bule
Guyyaan Yaadannoo FDG Sadasni 9 marsaan 9ffaa gootota Qeerroo barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaan jalbultii isaa irraa eegaluun haala ho’aa ta’een kabajamaa jira.
Goototni Qeerroon dargaggootni baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa mooraa arfan main Campus, Agriculture, Sayinsii fi Teekinooloojii, Economics and Bussiness fi Kolleejjii barsiisota Jimmaan haala ajaa’ibsiisaa ta’een kanbajamuu egalee jira. Goototni Qeerroon barattootni Oromoo sagalee faaruu goototaa dhageesisuun gootota ilmaan Oromoo bilisummaa saba isaaniif jecha wareegama lubbuu baasan farfachuun namoota dhuunfaa, akka walitti dhufeenyaa fi caasaa ijaarsaa fi miseensotni Qeerroo barattoota Oromoo addaatti bifa qinda’een Sadaasa 9 yaadannoo FDG marsaa 9ffaan bifa adda ta’een kabajamuu eegalee jira.
Read more »

No comments:

Post a Comment