Sunday, October 5, 2014

Manneen Murtii Mootummaa Wayyaanee Federaalaa fi Manneen Mutii Oromiyaa Sadarkaa Garagaraa ilaalchisuun Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

qeerroo2Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 04,2014 
Finfinnee
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee manneen murtii Oromiyaa sadarkaa olaanoo irraa hanga gadaanaatti jiran harka isaa keessa galchuun mirgaa fi haqaa ummataa awwaaluu itti fufee jira. Ilmaan Oromoo gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa gaafatanitti humna waraana isaa bobbaasuun qe’ee fi mooraa barnootaa keessatti jumlaan ajjeeseera. Kaan immoo qe’ee fi barnoota isaanii irra ukkamsee jumlaan hidhee jira. Mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo bal’eessaa tokko malee hidhee dararaa jiru ofumaaf himatee karaa dabballoota isaanis dharaan ragaa  itti bahuun murtii sobaa irratti muraa jira. Qeerroo Bilisummaa Oromoo gochaa diinummaa wayyaanee kana gadi jabeessee balaaleffata.

No comments:

Post a Comment