Breaking News : Hagayyaa 20/2014 FDG Marsaa 2ffaan Godina Lixa Shawaa Yuunibarsiitii Amboo Keessatti Goototata dargaggoota Oromoon Qabsiifame
Hagayya 21, 2014 (Qeerroo) — Goototni barattootni Oromoo Lixa Shawaa
Yuunibarsiitoota biyyatti garaagaraa irraa baracha turanii boqonnaaf
maatii isaani bira utuu jiranii Wayyaaneen maqaa walgaii farra uummata
Oromoo ta’ee fi farra qabsoo bilisummaa Oromoo ta’een gaggeessuuf akkuma
Yuunibarsiitii Ambootti walitti qabdeen guyyaa haraa saaatii 10:30
irratti akkuma wayyaaneen walitti qabdee Orientation kennuufii eegalteen
goototni batattootni Oromoo gaaffii irratti roobsuun Iyyaannoo isaanii
kan qabxii 10 of irraa qabu itti kennachuun gaaffii keenyaaf deebiin
hanga nuuf kennamutti walgaii wayyaanee waliin hin teenyu, wayyaaneen
diina keenya, hirimii keenya kaleessa daaima umrii waggaa 7 hanga
manguddoo waggaa 80tti ajjeesa turtan dhiignii ilmaan Oromoo lafa hin
qoorree akkamitti walgaii biyyooleessa qopheessuun walitti nu qabuu
dandeessan, waraannii haga kana baayatu magaalaa Amboo fi Unibarsiitii
Amboo keessa qubsiifamee jiru kun maal nurraa eega.

No comments:
Post a Comment