Wednesday, June 25, 2014

Wayyaaneen Shira Marsaa 3ffaa Magaalaa Amboo Irratti Gaggeessuuf Yaaleen Uummata Oromoo magaalaa Amboo fi dargaggoota Oromoon Fashale

qerrooo

Waxabajjii 22,2014 (qeerroo) - Mootummaan Wayyaanee olola afaan faajjii uumuun gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummaanni Oromoo gaafachaa ture dhabamsiisuuf ykn sagaleen uumata cunqurfamaa akka hin dhagahameef jecha meeshaa waraanaa fi human waraanaan uumata nagaa goolaa fi jeeqaa jira.
Haala kanaan guyyaa har’aa FDG Lixa Shawaa Amboo gara dabarsuuf jecha uumata humnaan dirqisiisee karaa dabballoota isaa hiriira deggersa mootummaa wayyaanee akka bahamu yaalii gochaa ture. Hiriira humnaan dirqisiisee uummataa fi dabballoota isaa baasuun shira dalaguuf baajata guddaa fi humna waraanaa guddaa bobbaasuun shirri diinummaa magaalaa Amboo irratti gaggeeffamuuf sochii guddaa godhee ture sun  diddaa uummataa fi dura dhaabbannaa dargaggoota Oromootiin waan Wayyaanee fi aangawoonni isaanii barbaadan jalaa fashalee jira.

No comments:

Post a Comment