HAWAASTI OROMOO GOOTICHA OROMOO, INJ TASFAHUUN CAMADAA FI ILMAAN OROMOO WAYYAANEEN AJJEEFAMAN YAADATAN
Sagantaa yaadannoo fi marii
hawaasaa Fulbaana 1, 2013 waaree booda Galma Scientology magaalaa
Melbourne keessatti gaggeeffame irratti gooticha Oromoo mana hidhaa
wayyaanee keessatti ajjeefame, Inj.Tasfahuun Camadaa dabalatee, ilmaan
Oromoo haala, yeroo fi bakkoota adda addaatti wareegaman yaadachiisuun
ture.
Yaadannoo gaggeeffametti
aansuun Ob. Bantii Oliiqaa Dura Taa’aan konyaa ABO kan VIC hirmaattota
marichaa waamicha yeroo gabaabaa kana keessatti taasifame kabajanii
miidhaan ummata keessanii isin quuqee asitti argamuu keessaniif hedduu
galatoomaa erga jedhanii booda akeekni marichaa ibsaniiru.
“Kanuma waliin miidhaa, dararaa
fi roorroo ummata keenya biyya keessaa fi kanneen baqatanii biyyoota
ollaatti bahan irra gahaa jiru attamiin akka falmachuu qabnu, nuti warri
biyya nagaa fi bilisa keessa jirru maal gochuu dandeenya? Attamii fi
yoom?? kan jedhu irratti marii gaggeeffannee sagnataa hojii fuula duraa
waliin akeekkachuuf,” jedhaniiru.
“Gumaa gootota keenyaa kan
baafnu, abdii fi hawwii wareegamtootaa fi hidhamtoota keenyaa
kudhaammannee harka wal qabannee tokko ta’uun sirna wayyaanee cabsinee
bilisummaa keenya yoo dhugoomse qofa,” kan jette Ad Laliseen, “sabni
keenya maal gochuu akka qabuu fi danda’u waliin maryatee umurii sirna
garboomsaa waan gabaabsu irratti bobba’uu qaba,” jechuun dhaamtee jirti.
“Biyyuma Sudaan keessatti ji’a
afuriif erga nu hidhanii booda harka, miilla fi ija keenya nu hidhanii
karaa Matammaa Mootummaa Itoophiyaatti nu darbatame ; sana boodan
Tasfaahun Camadaa fa’aa Maa’ikalaawiitti arge,” kan jedhe Ob Fayisal,
“dararaan mana hidhaatti ilmaan Oromoo irra gahu yaadachuunuu mata
isaatiinuu waan nama dhukkubsuuf jechaan ibsuun natti ulfaata,,” jedhee
jira.
“Warri
har’a shororkeessitoota jedhanii hidhanii nu dararaa jiran kaleessa
“Wanbadee” jedhamanii waamamaa akka turan haa yaadannu, Barri ni
dabartii, Haqaa fi mirga keenya falmachuu irratti haa Jabaannu!” akka
jedhe kan hime Ob Fayisal, gumaa gootowwan keenyaa baasuuf dhaamsa nuuf
dhaamanii darban qalbeeffannee Wayyaanee qawween malee aangoo
gadhiisuuf hin jirreef garaa laafuu dhiifnee tokkummaan dhaaba qabnu ABO
fi WBO haa jabeeffannu jechuun dhaamaniiru.
Ibsootaa fi odeeffannooleen
OSGAn mootummoota Addunyaa fi “NGO” mootummaa Itophiyaa irratti dhiibbaa
gochuu danda’an maraaf dabarsaa turee jiru hedduu ta’an illee har’a
hunda kan caalu ragaa ijaa Addee Lalisee fi ob. Fayisal nuuf ibsan
arganneerra. Miidhaa fi dararaa, roorroo fi Cunqursaa Ummata Oromoo irra
gahaa turee fi jiru ibsuuf ragaan kana caala barbaadamu hin jiru.
Cunqursaa, gabrumma, dararaa fi
rorroo ummata Oromoo irra gahaa jiru, hunduu miidhaadha. Akka sabaatti
yoo ilaallu kan hunda caala nu dhukkubsu alagaan qee keenya irratti
nutty roorrisuudha. Roorro kana hambisuuf Sabummaa keenya haa
jabeeffannu, Oromummaa keenya ijaaruu irratti haa jabaannu! jechuun
dhaamaniiru.
Ibsa isaanii kana keessatti
diddaa Ummatni Oromoo Habashoota irratti bara Minilikii kaasee
agarsiisaa ture; Diddaa gaggeeffamaa turee fi jiru kana keessatti
wareegamni gootowwanii fi hayyoota Oromoo hedduu akka ta’e yaadachiisan.
Ficiloota Ummanno Oromoo bifa fi haala adda addaatiin gaggeessaa ture
qindeessee Jaarmayaa Siyaasaa ititaatti kan jijjiire ABO, guyyaa
hundeeffame irraa kaasee qabsoo hidhannoo, siyaasaa fi kan dipilomaasii
qindeessee wareegama gurgurdaan injifannoolee cuccululuqoof duubatti
deebi’uu hin dandeenye galmeesseera.
Akkuma fakkeenyaatti Wagguma
tokkicha kana keessatti ABOtti hidhata qabdu sababa jedhu itti
moggaafamee barattoonni Oromoo hidhaman kan galmeen dhaabaa beeku 497,
Barsiiftonni 362, Qonnaan Bultoonni, hojjsttoonni, kanneen jiruu
dhuunfaan jiraatan 1,757 akka ta’an ibsuun, lakkoofsi kun kan caasaan
dhaabaa quba qabaatee gabaasee fi dhaabni ibsa itti baase qofa akka
ta’e, baadiyyaalee Oromiyaa keessatti ajjeechaa, reebichaa fi hidhaa
Ummata oromoo irra gahu ammoo lakkoofne akka bira gahuu hin dandeenye,
kanneen hojii irraa har’aman, baruumsa irraa ari’amanis baayyina isaanii
irraa as irratti akka hi ibsamne addeessan.
Isilaamoonni Oromoo Asaasaa
irratti, Kofalee irratti Wallo irratti, Anfilloo irratti hiriira bahu
jedhamee waan yaadame qofaaf maaliif rasaasaan simataman? Yakki Ummata
Oromoo Aniyyaa irra gahe, kan Karrayyuu irra gahe, kan Boorana irra gahe
lakkofnee kan keessaa baanu hin ta’u.
Hirmaattota irraas yaadonni
bilchaataa fi ijaaraan dhiyaatan ABO dhugumatti qabsootti akka jiru nu
caala diinni raga bahaa jira. Qabsicha keessaa ala of baafnee ususuu
dhiifnee ABO jabeessuu qabna. Hojiileen akka hawaasaatti hojjannu amma
Jaarmayaa siyaasaa jabaa hin qabaannetti bilisummaan hawwinuun nu hin
gahu.
Kanaaf dhaaba qabnu ABO, Waraana guddaa qabnu WBO jabeessuuf haa murteeffannu;
Sagalee Ummata keenyaa haa
dhageessifnu, sagalee Ummataa fi qabsoo keenyaa ol kaasuuf hawaasa
Oromoo addunyaa guutuu keessa faffacaanee jiraannu qindoomina akka
qabaannuuf akka irratti hojjatamu;
Kana booda laafina keenya
irratti dhiifnee jabina keenya irratti akka xiyyeeffannu! Fi kkf
dhimmoota jajjaboo QBO humneessan dhiyeessuun qaamota dhimmi ilaalutti
akeekuun haamlee fi fuula xiiqii gumaa gootowwan keenyaa baasuuf gahee
koo nan bahadha jedhu agarsiisuun milkiin goolabameera.