What can nationals do to help the struggle back home? Sabboonoti qabsoo ummataa biyyatti gargaaruuf maal gochuu danda’u?
By Ibsaa Guutamaa | May 14, 2014
| Finfinneen Oromiyaa keessatt bu’uurfamte kanaaf qaama see ta’uun wal hin falmisiisu. Oromiyaan jaarraa oliif qabaa halagaa jala jirti. Finfinneen akka battala human qabateetti tajaajiltuu waan taateef Oromoon too’annoo bucuullee irraa hin qabu. Finqiclha Dargii duuba Oromiyaan humna qabatee jiruun kan fakkeessaa ta’us ifatt beekamtee caasaan bulchaa dhaabbateefii jira. Waan hariirtii ulee falfalaa fakkaatuun empayerittiin Federeeshinatt jijjiiramte. Kanaaf finnooti federeeshinaa hundi ijaaruu fi gaggeessuuf gumaacha walqixee qabu jedhamee yaadama. Kanaaf finnaan federaalaa tokko kophaa ba’aa baatu hin qabatu jechuu dha. |
No comments:
Post a Comment